MM Abiy iddoowwan wiirtuuwwan nukilaraa itti ijaaraman sadi adda bahuu ibsan

Madda suuraa, Abiy Ahmed Ali
Ministirri Muummee Abiy Ahmad ijaarsa wiirtuu annisaa nukilaraaf iddoowwan soddoma caalan sakatta'amaa turuu ibsuun, kanneen keessaa dhumarratti sadi filatamuu ibsaniiru.
Aanga'aan Itoophiyaa kun kana kan jedhan wayita Roobii har'aa Onkoloolessa 21, 2026 komishinii anniisaa nukilaraa daawwatanitti.
MM Abiy yeroo ammaa biyyattii keessatti teeknooloojiin nukilaraa sadarkaa jaarmiyaa cimaatti dhaabbachuu ibsan.
Kanaafis gareen qorannoo ijaaramuu, dhaabbatichi seeraan bu'uureffamuu, hojjettoonni fi hooggantoonni ramadamuu akkasumas caasaan biiroo fi humna namaa hunduu guutuu ibsan.
MM Abiy iddoowwan wiirtuun anniisaa nukilaraa irratti ijaaramu jedhamuun adda ba'an jalqaba 30 achirraa gara 13, booda ammoo gara shaniitti xiqqaachuu ibsan.
Dhumarratti iddoowwan sadi calalamuun filatamuu ibsan.
''Bakkeewwan kunneen akka filataman nuti raggaasisuu hin dandeenyu,'' kan jedhan MM Abiy, ''dhaabbileen alaa iddoo filachuu fi mijataa ta'uu mirkaneessuu qabu,'' jedhan.
Bakki filatame mijataa ta'uun erga mirkanaa'ee booda iddoo qopheessuu, dhaabbata teeknooloojii nukilaraa kennu waliin waliigaltee mallatteessuun akka irra jiraatu dubbatan.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Hojiin anniisaa nukilaraa akka Hidha Haaromsaa Guddichaa yeroo tokko kontiraata kennuun yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu akka hin taane ibsan MM Abiy.
''Jaarmiyaalee fi dameelee ogummaa fi barnootaa hedduu kan tuquudha. Pirojektii yeroo dheeraati. Humna namaa fi qophii guddaa gaafata,'' jedhan.
Ministira Muummee Itti Aanaa fi Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa dabalatee aanga'oota mootummaa waliin ta'uun Komishinii Anniisaa Nukilaraa Itoophiyaa kan daawwatan MM Abiy ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ''jaarmiyaan kun mul'ata misoomaa yeroo dheeraa Itoophiyaan qabattee jirtuuf faayidaa tarsimaawaa akkaan murteessaa ta'e qaba,'' jedhan.
Itoophiyaan qabeenya uumamaa hammaaramee hin dhumneen yeroo dheeraaf kan beekamtu ta'uu kan dubbatan MM Abiy, ''boqonnaa haaraan ammoo qabeenya faarfaman kunneen gara misooma qabatamaa, guddina teeknooloojii fi badhaadhina walootti geeddaruudha,'' jedhan.
MM Abiy ijaarsa anniisaa nukilaraa kan eegalsiisan ALI Qaammee 4, 2014 ture.
Yeroo ijaarsa anniisaa nukilaraa kana eegalsiisan anniisaan nukilaraa kun ''nagaaf qofa'' kan oolu ta'uu ibsanii turan.
MM Abiy komishiniin anniisaa nikularaa biyyattii karoora misooma yeroo dheeraa biyyattiin qabatteef ga'ee olaanaa akka gumaachu dubbatan.
Dhiheessiin anniisaa amansiisaa ta'e jiraachuun ce'umsa diinagdeef wabii ta'uu kan eeran MM Abiy, teeknooloojiin anniisaa nukilaraa fedhii anniisaa akkaan dabalaa dhufe guutuuf carraa guddaa uuma jedhan.
Teeknooloojiin kun anniisaa oomishuun cinaatti fayyaaf, qonnaaf, industirii fi eegumsa naannoof akkasumas misoomaawwan biyyaalessaaf gumaacha guddaa akka qabu dubbatan.
Itoophiyaan waggoota kurna dhufan keessatti yuunitiiwwan anniisaa nukilaraa maddisiisan lama kan tokkoon tokkoonsaanii meegaawaatii 1,200 maddisiisan ijaaruuf karoorsuu himan MM Abiy.
Piroojektiin walumaagalatti anniisaa meegaawaatii 2,400 maddisiisa jedhame kun , akka madda anniisaa bishaanii, aduu fi qilleensaa yeroo yeroon kan daddaaqamu akka hin taane ibsan.
Waggaa guutuu osoo hin daddaaqamin haala walfakkaatuun anniisaa eegamu waan kennuuf gama kanaan Hidha Haaromsaa caaluu akka danda'u ibsan MM Abiy.
''Haala qabatamaa biyya keenyaan kan nu barbaachisu yuunitiiwwan lama tokkoon tokkoonsaanii meegaawaatii 1,200 maddisiisaniidha. Kana hojjechuuf yoo baayyee ariifanne wagga kudhan nutti fudhata.''
Ijaarsa anniisaa nukilaraaf baasiin jalqabaa akkaan guddaa ta'us, erga ijaaramee garuu pirojektii amansiisaa waggaa 60 hanga 100 tajaajila kennuun dhalootaaf darbuudha jedhan.




























